• Thu. Nov 26th, 2026

Baha Oromiyaa ona Baddannoo keessatti murni bilxiginnaa ilmaan keessantu biyya jeeqaa jiraa fidaa jechuun namoota jumlaan mana hidhaatti guuraa jiraachuu beekame

Jan 8, 2024

ONM-ABO Amajjii 8, 2024

Akka gabaasni arganne addeessutti baha Oromiyaa ona Baddannoo araddaa Mojoo Hamid ganda Baareentummaa keessatti dabballootaa fi caasaan waraanaa dantaa dhuunfaaf bobbaafaman, qeerroon bilisummaa Oromoo roorroo daangaa dabarte kan akka dirqamaan ukkaamsanii leenjii waraanaatti oofuu mormuun ofi irraa ittisuuf dhiheenya kana mana hidhaa irratti tarkaanfii fudhatan bu.uura godhachuun uummata nagaa ilmaan keessan fidaa jechuun ji.a darbe Muddee irraa jalqabuun jumlaan mana hidhaatti guuraa jiraachuu fi gaaratti yaasani ijoollee sana barbaadaa jechuun dararaa jiraachuu maddeen keenya ifoomsaniiru .

Haaluma kanaan torban darbe Muddee 26/2023 asitti kanneen ona Baddannoo araddaa Mojoo Hamid ganda Bareentumaa keessaa hidhaman kan maqaan nu gahe muraasni Rashiid Yuusuf, Abdallaa Ahimed Alii, Jamaloo Ahimed Adam fi kanneen biroo kan maqaan nu hin dhaqabiin baay’inni gara 60tti tilmaamu hedduunis jiraachuu maddeen himan .

Akkasuma abbootii hidhaman kana gatii rasaasa guyyaa sana qeerroo tarkaanfii fudhatan sana irratti dhukaafame kaffalaa jechuun dirqamaan re’oota irraa guuraa akka jiran himuun, caasaa sirnichaa keessaa dura bu’ummaan gochaa kana hojjechaa kan jiru bulchaa araddaa nama taajii siraak Mummad ta.us jiraattonnii ona Baddannoo ONMif ibsaniru.

Oduu birootiin ammoo bahuma Oromiyaa onoota gaara Mul’ataa Shanan keessatti maqaa galii gibiraa humnaa ol iraa funaanuu fi uummata baay’ee mana hidhaatti guuraa jiraachuus maddeen keenya kun dabaluun ibsani jiru.

Leave a Reply