• Thu. Nov 26th, 2026

Ergamni Mootummoota Gamtoomanii Sudaan Kibbaa (UNMISS) Naannoo Jongileyii fi Bulchiinsa Paayibor keessatti of qusannaa fi nageenyi akka jiraatu gaafate

Jan 8, 2024

ONM-ABO Amajjii 8, 2024

Ergamni Mootummoota Gamtoomanii Sudaan Kibbaatti (UNMISS) jeequmsa ji’oota darban keessa Naannoo Jongileyi keessatti raawwatame kan balaaleffate yoo ta’u, keessumaa haleellaa Amajjii 4 bara 2024 kutaa Duk Padiyet keessatti raawwatame, kan sakatta’iinsa looniitiin ka’ee fi lubbuu namoota nagaa hedduu galaafate jedhameera.

UNMISS haala kana tasgabbeessuuf jecha aangawoota Biyyaalessaa, Naannoo fi Kaawuntii hirmaachisaa jira. UNMISS qaamoleen dhimmicha keessa jiran hundi jeequmsa kana irraa akka dhaabbatan, haleellaa haaloo bahuu irraa akka of qusatanii fi komii isaanii furuuf mala nagaa akka fayyadaman gaafatee jira.
Ergamni kun aangawoonni Naannoo Jongileyi fi Naannoo Bulchiinsa Greater Paayibor marii akka seenan, yakkamtoota seeratti akka dhiyeessan fi jeequmsa dabalataa akka ittisan gaafatee jira.

UNMISS eegumsa lammiilee nagaa irratti kutannoo akka qabu irra deebi’ee kan mirkaneessu yoo ta’u, nagaa waaraa guutuu biyyattii keessatti akka jiraatu deggarsa isaa itti fufee jira jechuun africa-newsroom.com gabaasera.

Leave a Reply