• Tue. Nov 24th, 2026

Kirkira lafaa Jaappaan keessatti mudateen cabbiin tattaaffii baraarsaa gufachiisuun lakkoofsi namoota du’anii 161tti ol guddate

Jan 8, 2024

ONM-ABO Amajjii 8, 2024

Lakkoofsi namoota hin lakkaa’amne 195 irraa gara 103tti gadi bu’uu qondaaltonni naannoo giddugaleessa Ishikawaa kirkira lafaa humna 7.5n miidhamee himaniiru.

Dambaliin rifachiisaan kun gamoo kuffisee, ibidda guddaa kan kaase yoo ta’u, olka’iinsa meetira tokkoo ol kan ta’u dambalii sunaamii kaase.

Guutummaa Jaappaan irraa namoonni baraartoonni kumaatamaan lakkaa’aman kan bobbaafaman yoo ta’u, hojiin isaanii kirkira lafaa kanaan daandii addaan cituu fi tilmaama lafti 1,000tti tilmaamamu irraa kan ka’e walxaxaa ta’eera.

Guyyoota lamaan darban keessa naannichi qorraan kan uwwifame yoo ta’u, hojiin kun ammallee akka ulfaatu taasiseera.

Dubartiin umuriin ishee waggaa 90 keessa jirtu tokko Sanbata darbe osoo hin baraarin dura magaalaa Suzu keessatti mana jige jalatti guyyoota shan turuun lubbuun haftee jirti.

Haalli qilleensaa qorraa ta’e kun namoota 28,800 ol ta’aniifis gaaddisa mootummaa 404 keessa jiraniif haala hammeessuu hin oolu.

Roobni walitti fufiinsaan roobu balaa sigiga lafaa haaraa kan dabale yoo ta’u, qorri cimaan ulfaatina isaa jalatti gamoolee dabalataa akka jigu gochuu akka danda’u mootummaan naannichaa akeekkachiiseera.

Naannoo bal’aa Ishikawaatti maatiin gara 20,700 ta’an Dilbata darbe ibsaa malee hafaniiru. Maatiin 66,100 ol bishaan dhabaniiru.

Muummichi ministeeraa Fumio Kishida gaaffii fi deebii Dilbata darbe NHK waliin taasisaniin, “Aantummaan jalqabaa namoota caccabaa jala jiran baraaruu, akkasumas hawaasa adda baafame bira ga’uudha,” jechan.

Biyyattiin kirkira lafaa hamaa bara 2011 sunaamii kaaseen, namoonni gara 18,500 du’uu ykn dhabamuu France 24 gabaaseera.

Leave a Reply