ONM-ABO Amajjii 8, 2024
Pirezidaantiin Rippaabilika Federaalaa Soomaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud har’a waaree booda daawwannaa hojii guyyaa lamaaf magaalaa Asmaaraa qaqqaban.
Yeroo buufata xiyyaaraa idil addunyaa Asmaraa ga’anitti pirezidaanti Hasan Sheek Mohaammud fi jilli isaa Pirezidaantii Eertiraa Isaayyaas Afewarqiin simannaan hoo’aan taasifameeraaf Pirezidaanti Isaayyaas Afewarqii fi Hasan Sheek Mohaammud dhimmoota walitti dhufeenya biyyoota lameenii, kan naannoo fi idil addunyaa faayidaa waloo ta’an irratti ni mari’atu jedhamee eegama.
Daawwannaan kunis erga dhimma ulaa galaanaa Itoophiyaa kennuu Soomaalilaand booda ta’uu fi hariiroon Eertiraan Itoophiyaa waliin qabdu laaffachaa dhufuun wal qabatee daawwannaa pirezidaantichaa ija shakkiin kan ilaalan hedduu dha.
