ONM-ABO Amajjii 10, 2024
Hogganaan poolisii biyyaalessaa Ekuwaadoor akka jedhanitti, aangawoonni namoota Kibxata kaleessaa tamsaasa kallattiin istuudiyoo TV cabsanii seenanii hojjettoota doorsisan hunda to’annaa jala oolchaneerra jedhan.
Ajajaan poolisii Seezaar Zapata chaanaalii TV Teleamazonas jedhamutti akka himanitti, qondaaltonni qawwee fi dhoo’aa namoonni haguuggii fuulaa uffatanii seenan of biraa qaban to’ataniiru. Namoonni meeqa akka hidhaman hin dubbanne.
”Kun gocha akka gocha shororkeessummaatti ilaalamuu qabuudha,” jedhan Zaapaataan.
Chaanaalichi osoo mallattoon kun hin citin yoo xiqqaate daqiiqaa 15f kallattiin tamsaasa ture. Osoo tamsaasni banamee jiruu namoonni kunii fi hojjettoonni tokko tokko lafa ciisanii osoo jiranii kaameeraadhaan kan mul’atan yoo ta’u namni tokko isaan keessaa “Hin dhukaasinaa!” jedhaa ture.
Sa’a muraasa dura aanga’oonni Ekuwaadoor haleellaa walitti fufiinsaan guutuu biyyattiitti raawwatame kan mirkaneessan yoo ta’u, dhohinsa fi poolisootni hedduu butamuu dabalateeti.
Poolisiin akka gabaasetti qondaaltonni afur Wiixata halkan butamanii kan hafan yoo ta’u, tokko magaalaa guddoo Quyitoo keessatti, sadii ammoo magaalaa Quyevedo keessatti.
Mootummaan walumaa galatti haleellaan meeqa akka galmaa’e hin ibsine, garuu miidiyaaleen biyya keessaa hedduun gabaasaniiru.
Kanneen keessaa tokko tokko magaalota kaabaa keessatti konkolaattonni ibiddaan gubatan, kaan ammoo Kiitoo keessatti dhohinsa naannoo mana pirezidaantii Haqa Biyyaalessaatti mudate ta’uu miidiyaaleen adda addaa gabaasaa jiru.
