ONM-ABO Amajjii 12, 2024
Moonaa gara jabinni keessatti dagaagee jiru bilxiginnaan ilmaan Oromoo humnaan manneen hidhaa fi manneen barnootaa keessaa butee leenjisuun gara adda waraanaatti ergus, ilmaan Oromoo haala mijeeffachuun gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamuu itti fufanii jiru.
Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Jilaa Qeerramsaa irraa hidhannoo guutuun miliquun Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Giddugala Kaabaafi Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’utti kan makaman miseensonni Waraana bilxiginnaa, qawwee AKM Turkey tokkoofi dachaatuu lama, boombii harkaa 2, rasaasa AKM 402, hidhannoo guutuu waliin miliquun gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti makamaniiru.
Gochaa gara jabinaa sirni impaayeraa nu barsiiseen maatiifi firoota keenya hin ajjeesnu jechuun kan irraa baqatan loltoonni kunneen, moonaa ol aantummaan saba tokkoo keessatti dagaage keessatti, ija shakkiin ilaalamaa jiraachuu hin qabnu jechuun keessaa ba’aniiru.
Dhuma irratti ilmaan Oromoo qawwee diinaa baattanii moonaa diinaa keessa jirtan, sirni kun kufa ga’eera, firaaf fiixaa keessan fixxanii seenaa keessan hin balleessiinaa jechuun, gara qabsoo sabaatti hidhannoo isaanii waliin akka dhufanis waamicha godhaniiru.


