ONM-ABO Amajjii 14, 2024
Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii kibba bahaa Oromiyaa godina Arsii bahaa aanaa Jajuu keessatti Cibraan Hambaa aanolee guyyaa kaleessaa jechuun Amajjii 13/2024 diina irratti tarkanfii fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Korommiiwwan saba aanaa Jajuu ganda Hurutaa Dooree iddoo adda Jirime jedhamu keessatti diina irratti haleellaa geggeessaniin rasaasaan akaa’uun baarudaan macheessee loltoota PP 15 batalatti ajjeesuun 26 madoo adabee olii fi gadii gugsee magaalaa irraa dhuftetti deebisee jira.
Haaluma wal fakkaatuun ganda Alagaa Dooree keessatti diina reeffaa fi madoo guraachuuf reebuu deemaa turte haxxee itti hidhuun loltoota 10 ajjeesuun 21 madoo dandammii hin qabnee adabuun karoora ishee fashaleessee facaasee ofi duuba deebiseera.
WBOn tarkaanfii laalessaa fudhatu jabeessuun godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaa ganda Hulluqoo iddoo adda Guchii jedhamu keessatti diina adabee jira.
Guyyaa kaleessaa Amajjii 13 abdiin sabaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa rasaasa akka bakakkaatti waraana faashistii PPtti buusuun battalatti diina 50 ajjeesuun 86 madoon adabee ari’uun ofi duuba deebisee meeshaalee hedduu dugda ishee irraa hiikee jira.
Amajjii 13 korommiiwwan gaara Cilaaloo WBOn godina Arsii bahaa fi lixaa jidduutti loltoota Abiy Ahimed 105 ajjeesuun 133 ammoo madoon adabuun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa.
Injifannoon Uummata Oromoof!
