• Tue. Nov 24th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Tolee keessatti gubaatiin manneen namootaa hidhattoota sirnichaan jabaatee itti fufe

Jan 16, 2024

ONM-ABO Amajjii 16, 2024

Murni bilxiginnaa fuula isaanii namoota nagaatti garaagalfachuun ajjeechaa jumlaa bira darbee yeroo ammaa manneen namootaa qofa irratti xiyyeeffachuun gubaatii raawwachaa jira.

Haaluma kanaan gaafa Amajjii 13, 2024 kibba lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Tamsa’aa fi Gololee keessatti mana qonnaan bulaa maqaan isaa Baacaa Tsaggaayee jedhamu balleessaa tokko malee hidhattootni murna bilxiginnaa ibidda itti qabsiisuun gubanii barbaadeessuu jiraattotni himan.

Namni kun nama siyaasa hin beeknee fi hojii qonnaan jiraatu yoo ta’u hidhattootni sirnichaa kunneenis maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhamuun akka mi’a mana keessaa tokkollee osoo hin baafatin jalaa gubanii akka barbaadeessan himu.

Yeroo ammaa kanas haalli inni fi maatiin isaa keessa jiru yaaddeessaa ta’uu himuun, namoota ollaa isaanitti hirkatanii akka jiranis dabaluun ibsu.

Leave a Reply