• Tue. Nov 24th, 2026

Sa’uudii Arabiyaan kaffaltii qacarrii hojjettoota mana keessaa Itoophiyaa dabalatee kan biyyoota hedduu hir’isuu gulfnews.com gabaase

Jan 16, 2024

Sa’uudii Arabiyaan biyyoota hedduu irraa hojjettoota mana keessaa qacaruuf maallaqa kaffalamu hir’isuu ishee kan beeksiste yoo ta’e, biyyoota kanneen keessaa Filippiins, Siriilaankaa, Baanglaadeesh, Yugaandaa, Keeniyaa, fi Itoophiyaan keessatti argamu.

Kaffaltiin fooyya’ee Ministeera Humna Namaa fi Misooma Hawaasaatiin ifoomsame kun Filiippiinsiif Riyaala Sa’uudii SR15,900 irraa gara SR14,700; Siriilaankaaf SR15,000 irraa gara SR13,800tti; Baanglaadeesh SR13,000 irraa gara SR11,750tti; Keeniyaaf SR10,870 irraa gara SR9,000tti; Yugaandaaf SR9,500 irraa gara SR8,300, Itoophiyaaf ammoo SR6,900 irraa gara SR5,900tti gadi buusteetti.

Murteen kun qaama tattaaffii ministeerichi baasii qacarrii gamaaggamuu fi to’achuuf, baasii jijjiiramaa indaastirii qacarrii keessatti mul’achaa jiruun walsimuun gatii madaalawaa ta’e mirkaneesseeti.

Kana malees, ministeerichi kanaan dura dhaabbilee fi waajjiraalee qacarrii hayyama qaban baasii hojjettoota mana keessaa saba addaa irraa qacaruuf bahu daangaa ol’aanaa akka kaa’an qajeelfama kenneera.

Daangaan ol’aanaa hojjettoota mana keessaa Seeraaliyoon fi Burundii irraa qacaruuf kaa’ame gibira gatii dabalataa (VAT) osoo hin dabalatin SR7,500, fi Taayilaandi irraa SR10,000 ta’uu beeksiseera.

Murteen kun ‘kaayyoo bal’aa ministeerichi tajaajila hunda guddisuu, naannoo gabaa hojii fooyyessuu fi hawwata isaa guddisuuf qabu waliin kan walsimudha’ jedha ministeerichi.

Jijjiirama dinagdeef deebii kennuudhaaf baasii, tajaajilaa fi sirnoota yeroo yeroon gamaaggamuun, haala sirrii ta’een akka walsimsiisan mirkaneessuuf waadaa ministeerichi qabu kan calaqqisiisuudha.

Ministeerichi barbaachisummaa daangaa gatii haaraa kana hordofuunis cimsee kan ibse yoo ta’u, walsimannaa karaa waltajjii Musaned akka hordofamu ibseera.

Inispeekshiniin kun mootummaa keessatti haala qacarrii madaalawaa fi haqa qabeessa ta’e uumuuf of kennuu ministeerichi qabu kan mul’isudha jechuun gulfnews.com gabaaseera.

Leave a Reply