ONM-ABO Amajjii 16, 2024
Humni gabroonfataan PP afaan qawweetiin uummata doorsisuun akka isa deggeran barbaadu, Oromiyaa bakka hundatti qonnaan bultoota manaafi qabeenya irraa gubuun rakkinaaf saaxilaa jira.
Amajjii 12, 2024 waraanni gabroonfataan PP, Kibba Lixa Shaggar Aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti mana qonnaan bultootaa qabeenyaa waliin barbadeessuun kaan horiifi qabeenyota biroo ammoo saamanii deemuu maddeen keenya himan.
Mana Obbo Naggasaa Caalaa Galatee dabalatee manneen heedduun aanaa kana keessatti kan gubatan yoo ta’u, Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu jechuun Uummata hiraarsaa akka jiranis maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.


