• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Shaggar ona Boosat magaalaa Boolee keessatti ajajaan dhibbaa tokkoo fi loltootni lama milishaan ajjeefamuu maddeen himan

Jan 17, 2024

ONM-ABO Amajjii 17, 2024

Hidhattootni murna maafi’aa PP akkuma beekamu yeroo irraa gara yerootti maqaa sakkattaa Waraana Bilisummaa Oromoo jedhu sababa godhachuun baayinaan gara baadiyyaatti bobbaafamanii ati deggaraa WBOti jechuun qabeenya hawaasa nagaa saamuun kan deeman ta’uu kun eenyuma jalaa kan dhokate miti.

Haa ta’u malee hidhattootni kunneen akkuma qabeenya hawaasa nagaa saaman kanaanis gara magaalaatti ittiin ol deeb’uun maallaqichaan dhuganii machuun yeroo hedduu ajjeechaa wal irratti raawwatu.

Haaluma kanaan Guyyaa dheengaddaa Amajjii 16, 2024 halkan Ajajaa dhibbaa waraana kutaa 86ffaa koloneel Abdullaahii dabalatee namni lama battalatti ajajaa milishaa aanichaa nama Asiraat jedhamuun ajjeefamuu namni tokko ammoo hospitaala magaalaa Adaamaa galuu maddeen ibsaniiru.

Sababni wal dhabdee isaanii kunis ajajaan milishoota aanichaa namni Asiraat jedhamu kun isaanii dhugaa jiranii sin ga’aa ka’aa galaa jedhe wayita gaafatuutti, ajajamtuutu nu ajajaa jechuun qabanii reebicha yemmuu irratti geggeessan milishaan kunis dhukaasa irratti banuun akka ajjeese himu.

Waraanni PP kun yeroo cufa milishaa kan reebuuf, haadha warraa milishoota biraa ari’ee, kan bira bulaa turee fi milishoonni yeroo cufa maqaa karaa seensa magaalaa eegaa, jedhuun erganii haadha warraa isaanii kana waliin kan ciisu warreen raayyaa ittisa impaayerattii jedhaman kana ta’uus yeroo baay’ee ni dubbatama.

Yeroo ammaas milishoonni lakkoofsaan digdamaa ol ta’an reebichi irratti geggeefamuun mana hidhaatti naqanii dararaa hamtuu irratti geggeessaa jirus jedhan.

Leave a Reply