• Tue. Nov 24th, 2026

Hogganaan poolisii Chaayinaa gita isaanii Iraan waliin mari’atan

Jan 17, 2024

ONM-ABO Amajjii 17, 2024

Miseensi mana maree mootummaa Chaayinaa fi Ministirri Nageenya Hawaasaa Wang Jiyaa’ohong Kibxata har’aa hogganaa imaammataa Iraan Ahimad Reza Radan waliin Beejiingitti mari’ataniiru.

Waang waliigaltee barbaachisaa hoggantoonni biyyoota lamaanii irra ga’an hojiirra oolchuuf gareen lachuu waliin akka hojjetan abdii qaban ibsuun, hoggantoonni kunneen bara 2023 yeroo lama walga’uun kallattii guddina hariiroo Chaayinaa fi Iraan qajeelchuu isaanii ibsaniiru.

Wang akkasumas gama lamaan qunnamtii tarsiimoo idilee akka qabaatan, tumsa qabatamaa dameewwan akka farra shororkeessummaa, yakka biyyoota ollaa fi ijaarsa dandeettii seera kabachiisuu ittisuu, akkasumas tumsa seera kabachiisuu fi nageenyaa itti fufiinsaan fooyyessuudhaan nageenyaa fi tasgabbii biyyoota lamaanii fi naannichaaf gumaacha akka taasisan abdii qaban ibsaniiru.

Raadaan Iraan Chaayinaa waliin gama seera kabachiisuu irratti waljijjiirraa fi tumsa dhaabbataa ta’een tarkaanfachiisuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru.

Waang fi Radaan waliin ta’uun walta’iinsa seera kabachiisuu irratti waliigaltee mallatteessuu Jiinuwaan gabaasee jira.

Oduu Eeshiyaa keessaa osoo hin baane guyyuma kaleessaa Jaappaan keessatti xiyyaaronni lama walitti bu’un ji’a kana keessa qofa taateen kun Jaappaaniin marsaa 2ffaa mudachuu Anadoluun gabaaseera.

Leave a Reply