• Tue. Nov 24th, 2026

Itoophiyaa dhaabbata Pirojektii Haqa Addunyaa (World Justice Project) sadarkaa 129 irra kaa’amte

Jan 17, 2024

ONM-ABO Amajjii 17, 2024

Impaayerri lola lammiilee ishee irratti waggoottan shanan darban kana bantee olaantummaa seeraa cabsuun duguuggaa sanyii raawwachaa jiru addunyaa kana irraa biyyoota 142 keessaa 129 irra kaa’amte.

Dhaabbata Pirojektii Haqa Addunyaa (World Justice Project) dhimmoota adda addaan madaalamuun kan bara 2023 darbe kanaa qabxii waliigalaan sadarkaa 129 irra kan teesse impaayerri Itoophiyaa, qabxiilee madaallii kaa’ameefiin qabxii xiqqaa argatteetti.

Qabxiilee madaallii kun danqaa hojii mootummaa, dhabamuu malaammaltummaa, iftoomina mootummaa, miroota bu’uuraa, nagaa fi tasgabbii, hojii irraa oolmaa seeraa, Haqa hawaasummaa fi yakka ilaalchisuun hojii irraa oolmaa isaanii madaaluun sadarkaa 129ffaa irra Pirojektii Haqa Addunyaan ka’umuu Weebsaayitii isaanii irraa barameera.

Dhaabbanni Pirojektii Haqa Addunyaa kun hojii irra oolmaa olaantummaa seeraan wal qabatuun qabxiilee adda addaa jalatti biyyoota madaaluun sadarkaa ni kenna.

Kun kanaan osoo jiru Impaayerattiin waltajjii IGAD Kamisa borii Amajjii 18, 2024 Yugaandaatti geggeeffamu irratti sababoota amansiisoo hin taaneen irraa hafuu xalayaa Amajjii 13 dhaabbichaaf barreessaniin kan beeksisan yoo ta’u, gocha Itoophiyaan goote kana namootni kufaatii dippilomaasii ishee muudachaa jiruun wal bira qabanii kaasaa jiraachuun ni beekama.

Leave a Reply