ONM-ABO Amajjii 22, 2024
Loltuun Iraan tokko Dilbata kaleessaa jaallan isaa biroo irratti magaalaa kibba bahaa Kerman kan jalqaba baatii kanaa haleellaa boombii raawwatameen namoonni 94 du’an keessatti dhukaasa baneen loltootni 5 ajjeefamuu isaanii TVn mootummaa Iraan gabaaseera.
TVn mootummaa akka jedhetti dhukaasni kun kan mudate loltuun kun doormii mooraa waraanaa tokko keessa ga’uun loltoota boqonnaarra jiran irratti dhukaasa bananiini. Kaka’umsi kun battalumatti ifa akka hin taanee fi shakkamaan eenyummaan isaa adda hin baane. Bal’inni biraa dabalataan hin ibsamne.
Gabaasni kun akka jedhutti haleellaan kun magaalaa guddoo Tehran irraa gara kibba bahaatti kan argamtu magaalaa Kerman keessatti kan raawwatame ta’uu ibseera.
Gabaasni kun akka jedhutti haleellaan kun magaalaa guddoo Tehran irraa gara kibba bahaatti kan argamtu magaalaa Kerman kan fageenya km 830 fagaatte argamtu keessatti kan raawwatame ta’uun ibseera.
Kerman jalqaba baatii kanaa sirna waggaa du’a jeneraala Iraan bara 2020 haleellaa diroonii Ameerikaan Iraaq keessatti raawwateen ajjeefame irratti dhohinsi lama kan lubbuu namoota 94 galaafate, namoota dhibbaan lakkaa’aman ammoo madeesse itti raawwate ture. Haleellaa kana Daa’ish itti gaafatamummaa fudhateera.
Buufata waraanaa irratti dhukaasni walfakkaataan Iraan keessatti darbee darbee gabaafamaa tureera. Bara 2022 Kibba biyyattiitti buufata poolisii daandii cinaa jirutti loltuun tokko loltuu biraa fi poolisoota sadii ajjeesee ture.
Iraan keessatti dhiirota umuriin isaanii waggaa 19 fi isaa ol ta’eef tajaajilli waraanaa hanga ji’a 24tti dirqama ta’u Arab News dubbisiiseera.
