ONM-ABO Amajjii 22, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee jira.
Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Sijjoo daandii guddaa federaala Finfinnee Naqamtee geessu gubbaatti jajjabeen WBO tarkaanfii kaleessa Amajjii 21, 2023 fudhaten humna diinaa guutuutti fixuun meeshaalee waraanaa irraa hiikee jira.
Lola kanaanis bireena 1, kilaashii 10, 3f tokko gubuun 3f tokko immoo hojiin ala taasisee jira.
Waraanni PP konkolaattota sana irra turan guutuutti dhumanii jiru.
Tarkaanfii WBOn fudhatu jabaatee itti fufa.
Injifannoon Uummata Oromoof!
