• Mon. Apr 20th, 2026

Baqattoonni Oromoo biyya Somaalilaand magaalaa Booramaa keessaa akka ba’an akeekkachiifaman

Jan 23, 2024

ONM-ABO Amajjii 23, 2024

Hireen uummata Oromoo biyya baqaa keessattis dararamuu ta’uun erga Itoophiyaa fi Somaaleelaand dhimma ulaa galaanaa irratti waliigaltee jalqabaa mallatteessanii asi kutaaleen biyya Soomaaliilaand hawaasa Oromoof mana abiddaa taatee jirti.

Xalayaan yeroo ammaa magaalaa Soomaaliilaand keessatti gaafa Amajjii 20, 2024 maxxanne akka ibsutti hawaasni Oromoo magaalaa Booramaa keessa jiraatan qabeenya isaanii cufa fudhachuun hanga gaafa 27 tti akka ba’aniif ibsee jira.
Magaalaa Booramaa kana keessatti erga waliigaltee sanaatii saamichi fi reebichi kan hammaate yoo ta’u, maqaa mootummaa Oromootiin ilmaan Oromoo achitti gidiraa argaa jiru.

Waliigaltee mootummaan Soomaaliyaa birmadummaa biyya kiyyaa cabsite jechuun gaanfa Afrikaatti humnoota Itoophiyaa waliin nagaa hin qabne Eertiraa fi Masrii hiriirsuuf socho’aa jiru kanatti Soomaaliilaand bu’aa waliigaltee kanaan beekamtii biyyummaan argadha jettu keessatti lammiileen ishee bakkoota adda addaatti murtii mootummaa isaanii mormuun uummata Oromoo xiyyeeffatanii hanga lubbuu galaafachuutti haaloo ba’aa jiru.

Xalayaa amma maxxanee jiru kanaanis namoota magaalaa Booramaa keessaa hanga Amajjii 27tti hin baane irratti tarkaanfii mataa isaanii fudhachuuf qophii ta’uu akeekkachiisaa jiraachuu ilmaan Oromoo magaalaa Booramaa fi Hargeessaa jiran irraa Arraatni Biyyooleessa Oromiyaa adda baasuu danda’eera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading