ONM-ABO Amajjii 23, 2024
Duula ajjeechaa irratti xiyyeeffatanii uummata jiilchanii akka barbaadanitti dhiitanii bulchuu karoora isaanii godhatanii kaabinoonni murna bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran duguugiinsa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiran jabeessanii itti fufanii jiru.
Namoota nagaa ija shakkiin ilaalanii ajjeechaaf saaxilaa kan jiran hidhattootnii fi kaabinoonni sirnichaa kunneen baha Harargee aanaa Mayyaa Siitii araddaa Adelee ganda 01 keessatti gaafa kamisaa Amajjii 18, 2024 dargaggoo maqaan isaa Firoomsaa Qajeelaa jedhamu rasaasa itti roobsun ajjeesuu maddeen himan.
Dargaggoon kun badii kan hin qabnee fi konkolaachisaa konkolaataati jechuun kan himan maddeen, nama siyaasa hin beeknee fi dalagaa isaa qofaa irratti bobba’ee jiraatu sababa tokko malee ajjeesuu isaanii dubbatu.
Akka maddeen bakkichaa ONMf himanitti ilmi namaa nagaan ba’ee reeffi isaa manatti deebi’aa jira jechuun, akkasuma hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti akka malee dabalaa jiraachuu maddeen ONMtti dabaluun himaniiru.





