ONM-ABO Amajjii 23, 2024
Lixa Oromiyaa godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda Bululii fi Guttiin Safarii jedhamtu keessaa, ji’a sadiin dura waraanni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa dargaggootaa fi abbootii warraa 10 ol Oromummaa isaaniin yakkuun qabanii hidhan maatiin deddeebiyanii iyyaafatan illee haga hardhaatti ji’a sadii oliif achi buutee isaanii dhabamsiisuu maddeen ifoomsan.
Namoota qabamanii hidhamuun achi buuteen isaanii dhabame keessaa kanneen maqaa arganne Mohaammadoo Ahimad Aliyyii, Mohaammad Jaafar, Maammushee, Aliyyii Diillaa fi Mitikkuu kanneen jedhaman yoo ta’aan, guyyaa gaafa qabamaniitii eegalee namootni Kun haala akkamiirra akka jiran akkasumas du’uu fi lubbuun jiraachuun isaanii hin beekamin kan jiruu fi firootaa fi maatiin barbaacha isaaniif manneen hidhaa sirnichaa irra naanna’aa turan illee qabamanii hidhamuus maddeen ONMtti himan.
Golee Oromiyaa cufa keessatti murni PP maqaa waraana bilisummaa Oromootiin yakkuun ilmaan Oromoo jumlaan ajjeesaa, hidhaa, akkasumas qe’eef qabeenya Oromoo hedduu ibiddaan gubee barbadeessaa kan jiru yoo ta’u, maatii fi ilmaan isaanii irraa akkasumas abbaaf haadha isaanii jalaa butamuun dargaggootaa fi maanguddootni hedduun hidhamanii achi buuteen isaanii dhabamaa jiraachuun ni beekama.







