ONM-ABO Amajjii 24, 2024
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.
Akkuma kanaanis kaleessa Amajjii 23, 2024 jajjabeen WBO zoonii kibba bahaa godina Arsii Lixaa aanaa Shaashamannee ganda Abaaroo iddoo addaa Gaara Abaarootti korommiiwwan ilmaan sabaa leenconni roorroo didan Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa diina maqaa sakattaa WBOn bobbaate tarkaanfii haxxeen irratti fudhateen 6 ajjeesuun 13 madoon adabee jira.
Tarkaanfii kanaanis waraana maafi’aa Abiy Ahimed baqachiisee gargar facaasuun magaala Shaashamanneetti dachaasee injifannoon goolabee jira.
Tarkaanfiin itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
