• Tue. Nov 24th, 2026

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawwee Haarawaa keessatti diina du’aa fi madoon adabe

Jan 25, 2024

ONM-ABO Amajjii 25, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WOBn tarkaanfii laalessaa humna weerartuu PP irratti fudhatu jabeessee itti fufee jira.

Haaluma kanaanis Roobii Amajjii 24, 2024 gootichi abdii sabaa bakka Sanqallee jedhamutti ganama sa’a 2:00 irraa eegaluun hanga sa’a 6: 00tti lola taasiseen humna diinaa 15 yoo ajjeesu 9 ammoo madoo dandammii hin qabneen adabeera.

Gootichi abdii sabaa tarkaanfii isaa ittuma fufuun Amajjii 24, 2024 bakka buufata waraana faashistii PP Makaabee jedhamutti mooraatti itti seenuun ergamtoota Abiy Ahimed mooricha keessaa ari’ee baasuun 8 ajjeesee 5 ammoo madeessuun kan hafte facaasee yeroof bakkicha erga to’ateen booda gadhiisee ba’eera.

Tarkaanfiin korommiiwwan sanyii Warqituu fudhatu ittuma fufuun Amajjii 25, 2024 bakka fuula galtuu jedhamutti ganama sa’a 1:00 irraa eegaluun hanga 3: 00 fudhateen waraana faashistii PP 10 yoo ajjeesu 13 ammoo madeesseera.
Tarkaanfii akkaan boonsaa walitti fufiinsaan jajjabeen WBO waraana weerartuu PP irratti fudhate kanaanis meeshaalee garaagaraa hedduu irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasiseera.

Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen ni bilisoomti!

Injifannoon Uummata Oromoof !

Leave a Reply