ONM- ABO Amajjii 26, 2024
Konfiraansii Dippilomaasii Konveenshiniiwwan Idil-addunyaa Eegumsa Miidhamtoota Waraanaa Hundeessuuf, Ebla 21 hanga Hagayya 12, 1949tti Jeeneevaatti gaggeeffamuun bara 1949 ba’ee Onkoloolessa 21,1950 hojiitti galame irratti hundaa’uun jaarmiyaan ABO-WBO booji’amtoota waraana bilxiginnaa adda waraanaa adda addaatti gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon booji’aman barnoota hawaasatti ittiiin dabalamanii jiraatan kennuufiin geggeessaa jira.
Torbee kanas lola jabaa xumura baatii Muddee 2023 keessa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo waraana faashistii PP godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu ganda Qarree Waatiyoo keessa hedduuminaan maadheffatte irratti taasiseen meeshaalee waraanaa hedduu fi booji’amtoota 62 dhuunfatee ture.
Booji’amtoota 62 kanaaf qabiinsa hidhamaa waraanaa waliigaltee idil addunyaa mootummoota Gamtoomanii 1949 irratti hundaa’uun taasisuufiin cinaatti barnoota isaan barbaachisu kennuufiin dheengadda Amajjii 24,2024 gara maatii isaaniitti akka galan taasiseera.
Booji’amtootni waraanaa kunis dirqiin, mana hidhaa, manneen barnootaa fi haalota adda addaa keessaa qabamanii gara mooraa leenjii bilxiginnaa deemuu himuun sirnichi farra dhala namaa waan ta’eef dargaggootni biroon akka waraana bilxiginnaatti hin dabalamne dhaamaniiru.
Ittuma dabaluunis gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo shan jedhamee gadi xiqqeeffamu soba, loltoota 50,000 ta’u jechuun kan kaase, ilmi Oromoo Arsiitti dhalate tokko, lola Qarree Waatiyoo irratti nu irratti banameen koloneeliin tokko na biratti du’ee bireena 25, isnaayippera 17, kilaashii hedduu fi loltootni 350 du’uu dubbateera.
Booji’amtootni kun dhugaa argan irratti hundaa’uun WBOn hattuu, saamtuu fi yakkoota farra mirga dhala namaa warra hojjetan akka hin taane ibsuun, gochi akkasii kan murna bilxiginnaa Abiy Ahimed akka ta’e ibsaniiru.
Booji’amtoota waraanaa kana keessa ilmaan Oromoo, Amaaraa fi uummattootni kibba lixaa kan keessatti kan argaman yoo ta’u, cufti isaanii olola bilxiginnaan goyyomfamtanii dhaqxanii lubbuu keessan hin dhabinaa, isinitti haa hafu jedhaniiru.
Booji’amaa waraanaa jechuun nama yeroo lola qawween geggeeffamu lola sana keessatti humna waraanaatiin booji’ame jechuu dha.
ABO-WBOnis erga bara 2018 booda bifa haaraan of ijaare lola jajjabaa mooraa diinaa zooniilee waraana cufa irratti geggeessuun mooraa diinaa buqqisee loltoota bilxiginnaa booji’u cufa qabiinsa barbaachisaa taasisaafii, tajaajilaa fi barnoota barbaachisaa kenneefii hawaasaa fi maatii isaaniitti akka dabalaman gochaa kan ture yoo ta’e kan dheengadda loltoota bilxiginnaa 62 geggeesse kan dhiyoo kanaati.









