ONM- ABO Amajjii 26, 2024
Sagantaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu jedhu qabatanii waraanni naamusaa fi safuu hawaasaa hin eegne baayinaan koloneel Abiy Ahimediin leenjifamuun bobbaafaman, gochoota sukkaneessoo dhala namaaf hin malle Oromiyaa golee maratti raawwachaa jiru.
Amajjii 23, 2024 hidhattootni maqaa sakkattaa WBOn bobbaafaman kunneen aanaa Dibaax ganda Qorqaa naannoo Daallatti jedhamu fi aanaa Bulen ganda Gongoo keessatti manneen qonnaan bultoota nagaa hojii idilee isaanii geggeeffatan jalaa gubuun barbaadeessuu jiraattotni himan.
Namoonni aanaa Dibaax ganda Qorqaa keessaa manni isaanii jalaa gubate kan maqaa arganne Argataa Sanbataa, Hikkaa Kokkoo, Gammachuu Dhugumaa fi Girengaa kanneen jedhamaniidha
Akkasuma aanaa Bulen gandaa Gongoo jedhamtu keessaa Abdiisaa Morkaa, Taayyee Eranaa fi Mulaalem Abbabaa kanneen jedhaman jalaa mi’a mana keessaa maatiin tokko osoo hin baafatiin akka jalaa gubanii barbaadeessan jiraattotni dabaluun ifoomsaniiru.
Uummanni aanichaa murna bilxiginnaan yeroo hedduu irra deddeebiin gochoonni sukkaneessoon irratti raawwachaa turuu fi hanga ammaattillee kan kan irraa hin dhaabbanne fi haalli isaan keessa jiran akkaan yaadeessaa ta’uus himan.


