• Tue. Nov 24th, 2026

Caasaan murna faashistii PP magaalaa Naqamtee fi Dambii Doolloo keessatti hawaasa doorsisaa jiraachuun barame

Jan 27, 2024

ONM-ABO Amajjii 27, 2024

Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Dilbata Borii Amajjii 28, 2024 sa’a 12:00 qabee yeroo hin beekamneef guutuu Oromiyaa keessatti akkasumas Oromiyaa fi naannoolee ollaa wal quunnamsiisu irratti hojii irra oolu ilaalchisee Qeerroo Bilisummaa Oromoon ba’e irraa caasaan murna bilxiginnaa bakkoota adda addaatti sodaa keessa galuun doorsisa geggeessaa jiru.

Guyyaa kaleessaa Amajjii 26 bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti abbootii qabeenyaa galma guddicha magaalaa Naqamtee keessatti waamuun konkolaataa isaanii uggura kanaan akka hin dhaabne akkasumas dukkaana akka hin cufne akeekkachiisuun abbootiin qabeenyaa kun gocha kana keessatti hirmaatanii yoo argaman akka diinaatti tarkaanfiin irratti akka fudhatamu itti dhaadataniiru.

Bifuma wal fakkaatuun bulchiinsa magaalaa Dambi Doolloo keessattis abbootii baajaajii fi konkolaataa waamuun kan akeekkachiisan yoo ta’u, namootni baajaajii ykn konkolaataa isaanii dhaabanii argaman yeroodhuma sana abbaa seeraa waliin magaalaa keessa deemamee lafa konkolaataa fi baajaajiin dhaabbattanii jiranitti abbootii isaaniitti murtiin itti murtaa’uun gara mana sirreessaatti akka deeman itti dhaadachaa turan.

Caasaan murna bilxiginnaa erga labsiin kun ba’ee hawaasa daldalaa waltajjii waamuun kan doorsisaa jiran yoo ta’u, dargaggoota ammoo gocha kana keessatti akka hin hirmaanneef barsiisaa turuun ni yaadatama.

Leave a Reply