ONM-ABO Amajjii 27,2024
Korommiiwwan sabaa Waraanni Bilisummaa Oromoo baha Shaggar aanaa Boosat ganda Cophitti lola gaafa Amajjii 25, 2024 ganama sa’a 2:00 hanga 6:00tti ergamtuu sirnichaa irratti geggeessee oolen kudhan battalumatti irraa ajjeesuun madoo ishee paatiroolii 2n guurrattee gara mataa Haarattii guurrachise.
Kanarraa ka’uun ganda lolli keessatti adeemsifame kanatti manneen hawaasaa ibiddaan gubanii barbadeessaniiru.
baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu ganda Caffee Guddinaa keessatti humni ittisa uummataa ABO-WBO aanichaa kaleessa Amajjii 26, 2024 tarkaanfii waraana faashistii PP irratti fudhataniin humna diinaa irraa 16 battalumatti ajjeesuun 32 madeessee jira.
Oromiyaan dhiiga ilmaan isheen duumeessa garbummaa jalaa ni baati.
Injifannoon Uummata Oromoof
