ONM-ABO Amajjii 29, 2024
Uummanni Oromoo erga harka cunqursitoota mootolii Impaayera Itoophiyaa bulchaniin miidhamuu eegalee kan bubbule ta’uyyuu, miidhamni bara aangoo koloneel Abiy Ahimed irratti taasifamaa jiru seenaa gurraacha itti ta’uun ilmaanni sabichaa loltoota sirnichi itti bobbaaseen ajjeefamuun bineensaan nyaatamuu irratti argama.
Bifuma kanaanis Amajjii 26, 2024 godina Arsii bahaa aanaa Sirkaa ganda Gadaa Soolee Nageellee jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Umar Ciroo jedhamu osoo inni doqdoqqeen socho’aa jiru waraana bilisummaa Oromoodhaaf nyaata geessite deebita jechuun rasaasa itti roobsanii akka ajjeesan jiraattotni ONMtti himaniiru.
Dargaggeessi haala kanaan ajjeefame Kun nama siyaasa Kam keessayyuu hin qabne jechuun Kan dubbatan jiraattotni, humnootni waraana PP kunneen akkuma ajjeesaniin reeffa maatii dhorkachuun bineensi bakkeetti nyaachuus dabaluun ibsaniiru.

