ONM-ABO Amajjii 30, 2024
Labsii Qeeroon Bililisummaa Oromoo baase guutuumaan guutuuti hojii iraa ooluutti kan aarte ergamtonni PP naamotaa nagaa daandii irraa guuruun hidhuu eegalanii jiru.
Haaluma kanaan bahaa Shagar aanaa Dugdaa magaalaa Maqiitti dargaggota bakka isaan ta’anii fi dhaabbatanii waliin dubbatan ganama toora sa’a 4:30 irratti sababa tokko malee qabanii gara waajjira poolisii magaalichaatti guuraa turan.
Kanneen qabamanii hidhaman keessaa kan maqaan nu qaqqabe, Roobalee Suraa, Baalchaa Bulaa, Bashannanaa Margaa, Badhoo Qal’aa, Biyyoo Diittaa, Badhoo Jaarraa, Bulchaa Ida’oo fi Jimmaa Abbishuu kanneen jedhaman ta’uun barameera.
Hidhaan mana barnootaa sabboonummaa Oromooti❗️
Hidhaan furmaata hin ta’u❗️
