ONM-ABO Amajjii 30, 2024
Lakkoofsi namoota Falasxiinota haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwateen Onkoloolessa 7 irraa eegalee du’anii 26,637 ta’uu Ministeerri Fayyaa naannoo Gaazaa Wiixata kaleessaa beeksiseera.
Weerara kanaan yoo xiqqaate namoonni 65,387 biroon madaa’uu dubbi himaan ministeerichaa Ashraf al-Qudraan ibsa gaazexeessitootaaf kibba magaalaa Rafaah keessatti kennaniin himaniiru.
“Haleellaan Israa’el sa’a 24 darban keessatti raawwatte namoota 215 ajjeesee, 300 ammoo madeesseera” jedhan dubbi himaan kun kaleessa.
“Namoonni hedduun ammallee caccabaa jalatti fi daandii irratti qabamanii waan jiraniif baraartoonni isaan bira gahuu hin danda’an,” jechuun dabalaniiru.
Israa’el erga Onkoloolessa keessa gareen Falasxiin Hamaas daangaa qaxxaamuree haleellaa raawwateen booda naannoo Gaazaa rukuchuu eegalte hin dhaabne.
Lammiileen Gaazaa gara %85 weerara Israa’eliin kan buqqa’an yoo ta’u, hundi isaanii ammoo wabii nyaataa dhabuu isaanii Mootummootni Gamtooman ibseera.
Namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman da’oo malee jiraachaa kan jiran siʼa taʼu, konkolaattonni gargaarsaa feʼan yeroo wal dhabdeen kun eegale irraa gargaarsa galaa ture walakkaan yeroo ammaa seenaa jira jechuun Anadoluun gabaaseera.




