• Mon. Apr 20th, 2026

Diddaa Uummataa – Cuunfaa gabaasa raawwii uggura geejjibaa fi lagannaa gabaa Konyaa Baha Shaggar

Jan 31, 2024

ONM-ABO Amajjii 31, 2024


ONM-ABO Uggurri geejjibaa fi lagannaan gabaa kan diddaa uummataa makate sirna impaayera Itoophiyaa kan PPdhaan durfamu irratti finciluuf Amajjii 28, 2024 sa’a 12:00 irraa eegalee akka hojii irra ooluuf waamicha Qeerroon Bilisummaa Oromoo kabajamaa uummata Oromoo fi uummattoota cunqurfamoo biroof taasise kabajuudhaan uummanni Oromoo Baha Shaggar akka ajaa’ibaatti hirmaatee jira.

Sochiin taasifame yoo xiinxaalamu:
Gama uggura geejjibaan daandiiwwan gurguddoon Mooyyaalee Finfinnee seensisu, daandiin Jimmaa Finfinnee seensisuu fi daandiiwwan baadiyyaa irraa magaalota akka Maqii, Botee, Qooqaa, Mojoo gama tokko, Tarree, Leemman, Hombollee, Eela, Kamsaa, Gibisoo fi kkf seensisu guyyoota sadan darban bifa guutummaan guututti jedhamuun cufamee jira.

Gama lagannaa gabaatiin ammoo gabaawwan naannawa Baha Shaggar magaalota kanneen akka gabaa Maqii, Botee, Hombollee fi gabaawwan baadiyaa hundi guyyoota sadan kanaaf cufamanii jiru.

Walumaa galatti diddaa fi lagannaan akkaataa yaadamne oliin milkaa’inaan deemaa kan jiruu dha.

Sababa lagannaa kanaatiin uummanni mootummaan akka hin jirretti hubachuu danda’ee jira. Mootummaan ammoo “Ajaja keenya diduun ajaja warra bosonaa fudhattu!” jechuun uummata magaalota akka Maqii, Botee fi kkf keessatti namoota nagaa reebaa, konkolaattotaa fi baajaajota guurtee hidhaa jirti. Kuni ammoo abdii kutannaa diinaa ibsa.

Diddaan Itti Fufa!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading