ONM-ABO Amajjii 31, 2024
Murni faashistii PP diddaan uummata waan jabaateef magaalaa Naqamtee irraa quunnamtii interneetii balleessee jira.
Tarkaanfiilee garaagaraa fudhachuun uummata dukkaana bansiisuu fi konkolaataa deemsisuuf yaalii taasisuun uummatni magaalaa Naqamtee tokkummaan jalaa waan dideef tarkaanfii interneetaa cufuu fudhatanii jiru.
Labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kun jabaatee deemaa jiraachuun kan of sodaate murni faashistii PP tarkaanfii jajjabaa fudhachaa kan jiranii fi barattoota Yuuniversiitiilee adda addaas mooraa keessaa ba’anii hawaasa naannoo waliin akka wal hin argine gochaa jiraachuun barameera.

