• Thu. Sep 24th, 2026

Diddaa Uummataa – GUJII LIXAA

Feb 1, 2024

ONM-ABO Guraandhala 1, 2024

Cuunfaa Gabaasa Labsi Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Amajji 28/1/2024 – 30/1/2024.

Labsiin labsame akka waliigalatti haala bareedaan hojirra oola jira. Guyya jalqabaaf sochin konkolataa hangi tokko yoo jiraatu, bakkewwan labsicha kabajuu didanii sochii sochii gochaa turan irratti tarkaanffi fudhatameen konkolattota ISUSI Shani, bajaaji tokko akeekkachiisni barsiisoon kennameeraaf.

Akkasuma aanaa dugda Daawwaa jalattis maashinni dhakaa daakuu kan abbummaan qabeenyaa, dhaabbata biyya Arabaa ta’e Aanaa dugda Daawwaa jalatti akeekkachiifameera.

Bakkootni akeekkachiisni jabaan itti kenname aanaa, Qarcaa konkolataa lama, aanaa Malkaa Sooddaa , Aanaa Dugda Daawwaa 1, aanaa Abbayaa 1fi aanaa Bulee Horaa, ganda Xullangee bajaaji 1’f akeekkachiisni barsiisoon kennamuufiin namootni labsii cabsan akka kabajan taasisee jira.

Diddaan itti fufa!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading