ONM-ABO Guraandhala 2, 2024
Diddaa Uummataa Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa marsaa 2ffaa Dilbata Amajjii 28, 2024 sa’a 12:00 irraa ka’ee sirna cunqursaa PP irratti waamame ka’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo beeksise.
Akka ibsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa har’a Guraandhala 2 waaree booda ba’e agarsisutti labsiin kun galgala kana sa’a 12:00 irratti xumura argachuun bor ganama irraa ka’ee uummatni hojii idilee isaatti akka deebi’u ifoomeera.
Labsii kana keessatti midhaan, loon, hoolaa, re’ee fi Lukkuu gara magaalaa Finfinneetti fe’uun kan hin danda’amne yoo ta’u, Finfinnee irraa garuu Oromiyaatti konkolaataan dhorkaa tokko malee hojjechuu akka danda’u ibsichi ni addeessa.
Guutuu Ibsa kana Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irraa hordofa!


