Labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa guutuu Oromiyaa keessatti Dlibata darbe Amajjii 28, 2024 sa’a 12 irraa ka’ee guutuu Oromiyaa keessatti bifa jabaa ta’een hojii irra oolaa jiru har’a guyyaa 5ffaa lakkoofsisuun isaa ni beekama. Labsii Diddaan Uummataa keessatti jabaachuun sirna bilxiginnaa naasise kanatti hawaasni Oromoo manneen daldaalaa cufuun, hiriira ba’un, konkolaataa dhaabuunii fi sochii isaa daangessuun hojii irra oolmaa isaatiif ga’ee taphataa tureera.
Email: qeerroobilisummaaoromoo1@gmail.com
Sababa kanaanis labsiin kun dhiibbaa inni sirna cunqursaa fi ukkaamsaa bilxiginnaa irratti fiduun hanga quunnamtii interneetii magaalaa Naqamtee irraa kutuutti geessise jabinaa fi diddaa hawaasa keenyaati. Murni bilxiginnaas diddaa uummataa kana irraa sodaa keessa galuun dargaggoota, konkolaachistootaa fi abbootii qabeenyaa hedduu Oromiyaa bakka maratti yoo hidhan, konkolaattota irraa ammoo lakkoofsa gabatee hiikkatanii adabbii maallaqaatiinis doorsisaa turan.
Dhibbaa sirnichi keessa gale, qaawwaa fi lafa laafina isaa hojii kana irraa baranneerra.
Gama hojii irra oolmaa labsii kanaanis hanqinoota xixxiqqoo mudatanii fi fedhii hawaasni keenya qabsoo sirna bilxiginnaa duguuggaa sanyii uummata keenya irratti raawwachaa jiru hundeen buqqisuuf qabuu fi cichoomina isaa irraa barnoota fudhanneerra.
Koreen Qeerroo Bilisummaa Oromootti milkoomina labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa kanaan argame, akkasumas tokkummaa fi wal dhaggeettii hawaasa keenyaaf guddaa dha, injifannoo labsii kanaan argame jajjabeessaa hawaasa keenya nuffii malee diddaa uummataa kanatti hirmaatee fi saboota biroo waamicha dhagaa’anii hojii irra oolchaniinis galatoomaa jenna.
Labsiin kunis guyyaa har’aa Guraandhala 2, 2024 sa’a 12:00 irraa eegalee kan ka’u ta’uu ibsuun, hawaasni bor ganama irraa ka’ee sochii fi hojii idilee isaatti deebi’uu kan danda’u ta’uu hubachiisna.
Ibsa Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa waliin wal qabatee kanneen eeyyamaman;
Gabaa
Manneen daldalaa banaa dha
Manneen Nyaataa
Hojii Mootummaa
Baankii
Mana barumsaa
Daandiin Oromiyaa keessaa fi Finfinneetti geessu banaa dha Finfinnee irraa meeshaalee gara Oromiyaatti geessuun ni danda’ama Kanneen durattuu uggura jala hin jirre eeyyamamoo dha.
Kanneen Labsii kanaan uggura jalatti hafan (Hin eeyyamamne)
Loon, Midhaan, Hoolaa, Re’ee, Lukkuu Oromiyaa keessaa gara magaalaa guddoo Oromiyaa Finfinnee geessuun hin danda’amu.
Email: qeerroobilisummaaoromoo1@gmail.com
Labsii ba’e kana da’oo godhachuun abbootiin qabeenyaa gatii fe’umsa konkolaataa uummatatti dabaltan akkasumas kanneen manneen daldalaa qabdan gatii meeshaaleetti dabaltanii gurguruu irraa akka of qusattan koreen QBO cimsee isin hubachiisa. Diddaan Uummataa sirna cunqursaa irratti godhamu hanga sirnicha hundeen buqqaasuun bilisummaa fi walabummaa ofii mirkaneeffachuuf waamicha isiniif godhamutti keessatti dursitanii qophaa’uun akka jabinaan irratti hirmaachuun sirna faashistii bilxiginnaatti xumura itti gootan dhaammanna.
Oromiyaa irratti mirga abbaa biyyummaa guutuutti goonfachuuf, Oromiyaa kan Oromoo taate, kan keessatti mirgi saboota biroo akka kabajamu, deebii sharafamee fi bubbulee osoo hin taane guutuu isaa amma barbaanna!
Injifannoon Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa
Guraandhala 2, 2024
Finfinnee, Oromiyaa
