ONM-ABO Guraandhala 3, 2024
Godina Matakal aanaa Dibaax ganda Qorqaa jedhamtu keessaa kaleessa Guraandhala 2, 2024 loltootni impaayera Itoophiyaa sabaan Oromoo ta’an 3 sirnicha ganuun WBOtti harka kennatanii jiru.
Ilmaan Oromoo dirqiin qabamuun sirnicha loltummaan tajaajilaa turan kun qawwee Turkii 2, dachaatuu 1 fi hidhannoo 3 waliin dhufaniiru.
Simannaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo taasiseefittis gammaduun sirnicha loltummaan tajaajiluun qaama karoora duguuggaa sanyii Oromoo irratti geggeeffamaa jiruu ta’uu isaaniitti hawaasa Oromoo dhiifama gaafataniiru.
Ilmaan Oromoo mooraa diinaa keessatti hafaniinis, sirnichi diigamaa jiraachuu fi hawaasa Oromoofis nagaa laachuu akka hin feene hubattanii gara qabsoo saba keessanii WBOn geggeeffamaa jiruutti akka makamtan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.


