ONM-ABO Muddee 3, 2024
Hidhattootni murna bilxiginnaa hawaasa nagaa gidirsuu irratti bobba’aanii jiran guyyuu gochoota hawaasa gaddisiisan akkasuma gadadootti hambisan hojjechuun haadha hiyyeessaa boochisaa oolu.
Hawaasa nagaa qe’ee isaatti itti dhaquun gochoota jibbisiisoo irratti raawwachaa kan jiran kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa waliin ta’uun bobbaafaman kunneen bahaa Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Wandoo jedhamu keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Gurraandhala 2, 2024 hidhattootni gandichatti bobbaafaman kunneen obbo Tasfaa Gaarumaa, Iyyaasuu Tasfaa fi Yaaddessaa Duumessaa jalaa horii kudha saddet fudhachuu jiraattotni himan.
Namootni qabeenyi isaanii jalaa saamame kunneen namoota nagaa hojii idilee isaanii geggeeffatan, akkasuma qonnaan bultoota hojii qonnaa dalaguun maatii isaanii jiraachifatan yoo ta’an gochoonni hawaasa nagaa irratti raawwatame kunis kan hawaasa gandichaa rifaasise ta’uus ibsan.
Oduu hidhaan wal qabatuun ammoo godinichuma aanaa Diggaa magaalaa Guddattuu Arjoo keessaa namoota maqaan isaanii Obbo Darajjee Suyyumii mana nyaataa kan qabu, obbo Araggaa Tolasaa mana huccuu fi obbo Firdisaa Dhinsaa mana huccuu kan qaban maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon yakkuun mana hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu maddeen magaalichaa himan.


