• Tue. Nov 24th, 2026

Godina baha Harargee aanaa Maayyaa Siitii keessatti waraanni maafi’aa PP hidhaa fi manneen irraa namoota godaansisaa jiraachuun dhaga’aame

Feb 5, 2024

ONM-ABO Guraandhala 5, 2024

Bilxiginnaan dararaa ulfaataa saba Oromoo irratti taasisu jabeessuun hawaasa nagaa maqaa ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo qabdaa fi caasaa WBO baldhisaa jirtu jedhuun guutuu Oromiyaa keessatti namoota hidhuu, saamuu fi manneen irratti gubuun namoota hedduu jiru godaansaaf saaxilaa jira

Akkuma kanaanis godina baha Harargee aanaa Maayyaa Siitii ganda Aloo keessatti Guraandhala 3, 2024 waraanni maafi’aa PP fi milishootni sirnichaa haadha ilmaanii Kan taate nama maqaan ishee aaddee Caaltuu jedhamtu ati deggertu Baraana Bilisummaa Oromooti jechuun qe’ee fi qabeenya ishee irraa godaansisuun ilmaan ishee waliin yeroo ammaa gadadoo hamaa keessa jiru jechuun dubbatu.

Dabalataanis maanguddoo ganna 80 nama maqaan isaa Kadoo Girrii jedhamu yakka tokko malee reebichi waraana faashistii PPn irratti ta’uun mana hidhaa aanichaatti dararaa argaa jiruun cinatti rakkoo fayyaatif saaxilamuun yaala malee hiraarfamaa jiraachuus Arraatni Biyyooleessa Oromiyaa odeeffateera.

Leave a Reply