• Mon. Mar 16th, 2026

Haleellaan Galaana Diimaa loltoota Huutii Yamaniin raawwatame dhaabbilee daldalaa irratti dhiibbaa qaqqabe

Feb 5, 2024

ONM-ABO Guraandhala 5, 2024

Haleellaan finciltoonni Huutii Yaman Galaana Diimaa keessatti dooniiwwan irratti raawwatame daldala idil-addunyaa daandii doonii gabaabaa Awurooppaa fi Eeshiyaa gidduu jiru irratti jeequmsa uumeera.

Haleellaan kun kan raawwatame Falasxiinota boombii Israa’el Gaazaatti geggeessaa jirtuun miidhamaa jiraniin, isin waliin jirra jechuuf yoo ta’u, daandii tiraafikaa doonii addunyaa keessaa gara dhibbeentaa 15 ta’u irratti kan xiyyeeffachuun isaanii, dhaabbileen doonii hedduun doonii isaanii karaa biraa akka jijjiiran dirqisiiseera.

Haleellaan Huutii dooniiwwan daldalaa hedduun Sulula Suuez fi karaa Bab al-Mandeb keessa darban daandii filannoo fi baay’ee dheeraa ta’e naannoo Afrikaa Kibbaa Keep of Good Hope akka fudhatan dhiibee jira, kunis jijjiirama guddaa fi harkifannaa fiduu isaatu dubbatama.

Tarkaanfii Huutii kana dhaabuuf garee eegduu galaana kanaa Prosperity Guardian jedhamuun ijaaraman akkasumas Ameerikaa fi Ingiliziin tarkaanfii fudhachuu eegalanis Huutii gocha isaanii irraa dhaabuu hin dandeenye.

Sababa kanaanis warshaalee konkolaataa akka Geely, Michellin, Suzuki, Tesla fi Volvo akkasumas warshaalee annisaa hedduu fi kanneen biroon jeeqamu daandii daldala galaana Diimaa kana irraan kan ka’e miidhamanii jiraachuu Aljazeeraa fi miidiyaaleen biroon gabaasaa jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading