• Tue. Nov 24th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti dargaggoon tokko waraana faashistii PPn ajjeefamuun dhaga’aame

Feb 5, 2024

ONM ABO Guraandhala 5, 2024

Akeeka ittiin uummata lafa irraa duguuguu karoorfatanii hojjechaa kan jiran hidhattootni koloneel Abiy Ahimediin, hawaasa nagaatti bobbaafaman gochaa suukanneessaa guyyuu uummata nagaa irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee keessatti guraandhala 4, 2024 hidhattootni murna bilxiginnaan hawaasa nagaa gooluuf gandichatti bobbaafaman ganda Eelaa keessatti dargaggoo maqaan isaa Adam Huseen Ibraahim jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen keenya magaalichaa himan.

Dargaggoon kun hojii qonnaa hojjechuun maatii isaa jiraachisuu malee siyaasa kam keessaa qooda akka hin qabne jiraattootni dubbachuun Oromummaa isaa qofaan yakkamuun akka ajjeessan dabaluun dubbatu.

Reeffi dargaggoo kanaas hanga gabaasni kun qindaa’etti kan hin kaafamnee yoo ta’u ajjeechaa dargaggoo kanaan alattis hidhattootni sirnichaa kunneen ganda Eelaa keessa deemun, qabeenyaa hawaasaa saamaa fi uummata tumaa akkasuma qe’ee irraa ari’aa turuu maddeen keenya dabaluun ONMtti himaniiru.

Akka jiraattotni yaada isaanii ONMf qoodan jedhanitti kaayyoon murna bilxiginnaa uummata Oromoo lafa irraa duguuguu waan ta’eef tokkummaadhaan kaane sirna abbaa irree kana ofirraa haa buqqifnnu jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Leave a Reply