ONM-ABO Guraandhala 5, 2024
Murni bilxiginnaa Oromiyaa waltajjii maree nageenyaa jechuun hojjettoota Biiroolee mootummaa naannoo Oromiyaa keessaa hojjetan mara waliin dheengaddaa Guraandhala 3,2024 irraa qabee geggeessaa jira.
Waltajjii guyyaa 3ffaa lakkoofsise kanaanis guyyoota 2n darban keessatti barbaachisummaa nageenyaa, araarri marsaa 2ffaan fedhii bal’aa Waraanni Bilisummaa Oromoo dhiyeesseen gufatee fi marsaa 3ffaa xumuraaf ni geggeessina, hin milkoofnu taanaan WBO ni balleessina jechuun barnoota laachaa turan.
Olola sobaa akka Waraanni Bilisummaa Oromoo gaafatamummaa ykn aangoo Oromiyaa fi Federaalaa keessaa bakka cufa gaafate, sana ammoo kennuun, asumattuu waamanii Oromiyaa cufa laachuufii waliin wal hin caalu jedhanii hojjettoota Biiroolee adda addaaf kaasaniis fudhatama hin arganne.
Hojjettootni gama isaaniin jecha keessan akkamiin amanna, WBO kanaaf ibsa bal’aa hin laanne, ta’us nagaa barbaaddu akkasumas Oromiyaaf waanta wayyu barbaaddu yoo ta’e waan Waraanni Bilisummaa Oromoo jedhe fudhadhaa, uummatni filannoon fedhii isaa haa mirkaneessu jechuun deebisaniif.
Waltajjii kana irrattis fedhiin nagaa akka qaban bilxiginnaan deddeebiin kaasus, hojjettootni ajjeechaa dirooniin isaan raawwatan, manneen Amantaa keessatti raawwatan, manneen gubuu fi hidhaa jumlaa geggeeffamaa jiru kaasuufiin bulchiinsi bilxiginnaa hamaa fi jecha isaaf kan hin jiraanne ta’uu akeekaniiru.
Hojjettootni mootummaa faayidaa ga’aa osoo hin argannee fi miindaan haala yeroo waliin hin daballeef keessatti magaalaa Finfinnee fi naannowaa isheetti dararaa argaa jiraachuu kaasuun, kunis kufaatii dinagdee bilxiginnaan fide irraa akka itti dhufe himaniiruuf.
Har’a guyyaa sadaffaa waltajjii kanaan hojjettootni tokko tokkoon maal akka fakkaatan gamaaggamamuun ceephoo fi ceephaa’ama kan geggeessan ta’uu odeessi arganne ni addeessa.
Waltajjii fi gamaaggama kunas hojjettoota miseensaa fi miti miseensaan qoodanii geggeessaa akka jiran maddeen kun dabaluun ibsaniiru.




