ONM-ABO Guraandhala 5, 2024
Yuunivarsitii Wallaggaatti har’a ganama Barattotaa Eebbaaf qophaa’an GC bara kanaa pirezidaantiin Yuuniversiitichaa poolisii federaalaa itti bobbaasuun akka isaan waliin ta’uun gammachuu isaanii hin ibsanne dhorkeera.
Poolisootni federaalaa bobbaafaman barattoota ari’anii ddaan facaasan.
Sababa kanaanis barattootni ulee fi hidhaa poolisoota kanneen baqatan hedduun isaanii kufanii caccabuu fi bakka kufanitti walirra ejjetanii darbuun wal miidhuun isaanii barameera.
Pireezidaantiin Yuuniversiitichaa obbo Hasan Yusuuf yeroo adda addaatti barattoota Oromoo xiyyeeffatanii ilaalcha siyaasaan akka miidhan kan nuuf himan maddeen, yeroo Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaan wal qabatuun barattootni barnoota dhaabuun wal qabatee tarkaanfiiwwan laawunjii barattootaa cufuu fi barattootni akka walitti hin qabamneef poolisoota federaalaan adda facaasaa turuun ni yaadatama.




