ONM-ABO Guraandhala 6, 2024
Uummata nagaa maqaa WBO itti maxxansuun murni bilxiginnaa erga waggoota jahan darbanii kaasee ajjeechaa jumlaa dabalatee namoota kuma dhibbootan lakkaa’aman ammoo qe’ee irraa kan buqqisee ta’uun ni beekama.
Buqaatiin ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaa irratti geggeefamaa jiru jabaatee jiraachuun kan itti fufee jiru yoo ta’u baha Shaggar aanaa Boosat keessatti uummanni Oromoo aanichaa lakkoofsaan hedduu ta’an qe’een isaanii irratti gubachuun bakkeetti faca’anii jiraachuun kan beekamuudha.
Haaluma kanaan gaafa Amajjii 3, 2024 ganda Nuuraa Haasee keessatti buqqaatoota mukeen jalatti galanii jiran keessaa muca ganna saddeetti kan maqaan ishee Iftuu Abduramaan Fatoo jedhamtu bineensan nyaatamuu maddeen bakkichaa ONMf himaniiru.
Gara jabeenyi murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru jabaachaa deemun daa’imman yeroo itti baratanii akkasuma nagaan jiraachuu qabanitti qe’een maatii isaanii irratti golgola’uun hireen isaanii Oromiyaa bakkeewwan hedduutti sorata bineensaa ta’a jira.


