ONM-ABO Guraandhala 7, 2024
Dargiin 10 hidhee 100 sodaachisa kan jedhu mataan bilxiginnaa, Abiy Ahimed, hidhaa akka meeshaa lolaatti itti dhimma ba’uun uummata Oromoo dabboonummaa qaban hidhanii dararuufi qabeenyaa jalaa barbadeessuun jireenya gadadoof saaxiluu irratti argamu.
Haaluma kanaan, Baha Wallaggaa Aanaan Haroo Limmuu keessatti waraanniifi kaadiroonmi PP waliin ta’uun gandoota gara garaa irra bobba’anii hojjettoota mootummaa dabalatee namoota sabboonummaa Oromummaa qaban hidhuun dararaa guddaa irraan ga’aa jiru.
Obbo Jammaraa Amsaaluu, Ogeessa qonnaa, Obbo Dirribaa Tolasaa, ogeessa qonnaa, Obbo Zallaqaa Ayyaanaa, barsiisaa, fi kan maqaa isaanii hin argatiin heedduu qabuun mana hidhaa aanichaa keessatti hidhanii jiru.
Aanaa kana keessatti WBO nyaachistan jedhamuun manneen qonnaan bultootaa heedduun gubataa kan ture ta’uufi namoonni heedduunis ija shakkiin ilaalamuun ajjeefamaa akka turan maddeen keenya aanicha irraa gabaasaniiru.


