• Thu. Nov 26th, 2026

Manni murtii olaanaa Maaleeziyaa seerota Islaamaa Kelantan keessatti argaman tokko tokko heera mootummaa kan faallessu ta’uu murteesse

Feb 9, 2024

ONM- ABO Guraandhala 9, 2024

Manni murtii olaanaa Maaleeziyaa murtii addaa sirna seeraa biyyattii irratti dhiibbaa guddaa fiduu danda’uun seerotni Islaamaa 16 kutaa kaaba bahaa Kelantan keessatti hojii irra oolaa jiran heera mootummaa kan faallessu ta’uu murteesse.

Manni Murtii Federaalaa sagalee caalmaa 8-1n Jimaata har’aa mootummaan kutaa biyyaa Kelantan seera kana baasuuf aangoo akka hin qabne murteessuun, seerotni yakkootaaf ba’anii achitti tajaajilaa jiran duraanuu heeraa federaalaan uwwifamaniiru jedhan.

Maaleeziyaan biyya federaalaa yoo taatu, naannoleen seera Islaamummaa, amantii seeraa biyyittii waliin walqabatan irratti aangoo qaban. Yakkoonni biroo hundi manneen murtii siviiliitiin kan ilaalamaniidha.

Kelantan, akka onnee aadaa Muslima saba Maalaayiyaatti kan ilaalamtu yoo taatu, bara 1990 irraa eegalee mormituu Parti Islam SeMalaysia (PAS) tiin bulfamaa jirti.

Aangoon paarlaamaa fi seera baastoota naannoo Heera Mootummaa Federaalaatiin kan daangeffame waan ta’eef seera jaallatan kamiyyuu baasuu hin danda’an,” jechuun haati murtii olaanaa Tengku Maimun Tuan Mai akka jedhan.

Dhimmi kun bara 2022tti ogeettii seeraa Kelantan Nik Elin Zurina Nik Abdul Rashid fi intala isheetiin kan dhiyaate, mootummaan naannoo yakka Islaamaa irratti seera haaraa erga raggaasisee booda.

Lamaan isaanii seerota kana keessaa 18 aangoo mana maree naannootiin ala ta’anii fi duraanuu paarlaamaadhaan kan uwwifaman ta’uu isaanii falmuun faallaa heera mootummaa ta’uu isaanii mormaniiru.

Manni Murtii Federaalaa dubartoonni lamaan ejjennoo Islaamaa ykn sirna seeraa Islaamaa mormuuf dhimmicha akka hin dhiheessine cimsee ibseera.

Murtii kana dura deeggartoota PAS fi Muslimoota konsarvaatiivii dabalatee namoonni gara 1,000 ta’an mana murtii Putrajaya keessatti argamuun alatti walitti qabamaniiru jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Leave a Reply