• Wed. Nov 25th, 2026

Baha Shaggar magaalaalee Mojoo fi Qooqaa irraa WBOf odeessa kennitu jechuun dargaggoota qabanii achi buutee dhabamsiisaa jiru

Feb 10, 2024

ONM-ABO Guraandhala 10, 2024

Hawaasa Oromootti afaan nagaa dubbataa, ilmaan isaa ammoo hidhaaf ajjeechaan jiilchuuf karoora bilxiginnaan ittiin impaayerichaa tursiisuuf hojjetaa jiru yoo ta’u, Baha Shaggar magaalaalee gara garaa keessatti Waraana Bilisummaa Oromootiif odeessa kennitu jechuun dargaggoota Oromoo ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisaa jiru.

Haaluma kanaan baha Shaggar magaalaa Mojoofi Qooqaa keessaa dargaggoota ija shakkiin ilaaluun butaa kan jiran yoo ta’u, hanga ammaatti kan maqaan isaanii nu bira ga’e, magaalaa Qooqaa irraa
Tasfuu Taammiraat
Birraa Bushuu
Abdii Taammiraat kanneen jedhaman yoo ta’aan, magaalaa Mojoo irraa ammoo
Fufaa Lammeechaa
Taareqeny Abbishuu
Sooressaa Booree kanneen jedhaman kan maqaan nu ga’e yoo ta’u, kanneen maqaan nu hin ga’in biroonis ukkaamfamuun hanga har’aatti bakki isaan buufaman hin beekamin jiraachuu maddeen keenya himan.

Dargaggootni Oromoo hojiilee gara garaa hojjechuun ofiifi maatii isaanii jiraachisan hedduun Oromummaan shakkamuun ari’atamaa, hidhamaa gidirfamaa kan jiranii fi magaaluma Mojoofi Qooqaa keessaa dargaggoota hedduu sababa tokko malee mana hidhaatti guuruun gara leenjii waraanummaatti geessaa turuu maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply