ONM-ABO Guraandhala 10, 2024
Waraanni faashistii PP Oromiyaa dirree boo’ichaa Gochuuf bobbaafaman yakkoota duguuggaa sanyii fi saamicha uummata qulqulluu jiruu mataa isaa rakkatee jiraatu irratti gaggeessauu cimsanii jiru.Gareen barcuma Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman giddu galeessa Oromiyaa keessatti yeroo miidhaan haamamee tuullaa fi gombisaa keessa jiru kanatti qonnaan buttie jalaa midhaanii fi mana gubuu, qabeenya saamuu, qe’ee barbaadeessuu, loonii fi nama dhukaasanii ajjeesuu hojii idilee erga godhatanii bubbulaniiru.
Guyyaa kaleessaa Guraandhala 9,2024 aanaa Sulultaa gandaa Gullaallee Barreessaa jedhaamtutti hidhaattoonni Abiy Ahimed loonii fi re’oota nama maqaan isaa Damee jedhamu ooffatanii deeman.
Loon 16 fi re’ee 26 kan nama damee jedhamuu fi loon 3 kan biroo ooffatanii deeman kana guyyaa har’aa qalatanii nyaachaa jiru.
