ONM-ABO Guraandhala 12, 2024
Loltootni raayyaa ittisa impaayera itoophiyaa akeekaa fi Kaayyoo nam-tokkee milkeessuuf dhama’aa oolan, hidhaa daangaa hin qabnee fi ajjeechaa suukanneessaa uummata nagaa irratti raawwataa jiran jabeessanii itti fufuun qe’ee Oromoo gaddaan uwwisaa jiru.
Haaluma kanaanis, Baha Shaggar aanaa Jiddoo Kombolchaa magaalaa Adaamii Tulluu ganda Dastaa Abjaataa iddoo addaa Daangootee jedhamutti guyyaa dheengaddaa jechuunis Guraandhala 9, 2024 Loltootni Bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Habtaamuu Gammachuu jedhamu osoo inni Jiddoo Kombolchaa irraa gara magaalaa Bulbulaatti deemaa jiru Doqdoqqee dhuunfaa isaa irraa buusuun raasasa itti roobsanii ajjeesuu maddeen himan.
Aanichuma ganda Ilkaannaa Callamoo jedhamu keessattis dargaggoo Maqaan isaa Tullaa Jaldoo Woshaa jedhamu loltootni PP dukkaana isaa keessaa baasanii ajjeesuun, gandichuma keessaa namoota maqaan isaanii Deebbaa Wodee, Amaanaa Roobaa Malkatoo, Baaburii Hunbii, Nagaashi Malkatoo, Wondii Gadaa Fi Kadiroo Kishee jedhaman qabanii hidhuun dararaa ulfaattuu irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


