• Tue. Nov 24th, 2026

Gujii lixaa keessatti loltootni murna bilxiginnaa kudha lama meeshaa fi hidhannoo guutuun WBOtti harka kennatan

Feb 12, 2024

ONM-ABO Guraandhala 12, 2024

Ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi buqqaatii murni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru ijaan arguu dadhabuun ilmaan Oromoo dhalootaan Oromoo ta’aanii loltummaan sirnicha tajaajilaa jiran saba keenya miidhamaa jiru keessatti hirmaannee uummata keenya hin gidirsinu jechuun meeshaa isaanii guutuu qabachuun WBOtti makamaa jiru.

Gujii lixaa keessatti guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 10, 2024 loltootni raayyaa ittisa impaayerattii jedhaman lakkoofsaan kudha lama (12) ta’aan meeshaa fi hidhannoo isaanii waliin WBO gama sana keessa socho’anitti harka kennataniiru.

Qawwee AKM 11, Boombii 22 fi rasaasa AKM 2200 hidhannoo isaanii waliin qabatanii gara qabsoo sabaatti dabalamaniiru.

Akka loltootni kunneen jedhanitti ajjeechaa, hidhaa, saamichaa fi buqqaatii ilmaan Oromoo irratti geggeeffamaa jiruuf gaaffii WBO irraa dhihaatefis akkana jechuun deebisan, namoota nagaa keessattuu qonnaan bultoota maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhamuun gochoonni kunneen irratti raawwatama jedhan.

Dabaluunis maali isaanoo namoota nagaadha dhiisaa jennee yoo gaafannes atuu mataan kee WBO waliin hariiroo qabda jedhamuun ajjeechaa fi hidhaatu nurratti raawwatamas jedhan.

Loltoota kanneenifis karaa WBO simannaa ho’aan kan taasifameef yoo ta’u, loltootni kunneenis simannaa isaaniif taasifameefitti gammaduun murni Bilxiginnaa WBOn harka yoo itti kennattan isin ajjeesaa jedhanii itti himaa turan soba dhugaa irraa fagaate ta’uus himan.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo sabaan Oromoo taatanii saba keessan alagaa waliin taatanii miidhaa jirtan gara qabsoo haqaa WBOn geggeeffamaa jiruutti dabalamaatii qabsoo saba keessanii geggeessaa jedhaniiru.

Leave a Reply