• Tue. Nov 24th, 2026

Iraan waggaa 45ffaa Warraaqsa Islaamaa kabajatte

Feb 12, 2024

ONM-ABO Guraandhala 12, 2024

Warraaqsa Islaamaa bara 1979 waggaa 45ffaa kabajuuf Dilbata kaleessaa guutuu Iraan keessatti hiriira gaggeeffame irratti namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman hirmaataniiru.

Yaadannoon mooticha Ameerikaan deggaramu kuffisuu fi hogganaan Islaamaa Ayaatollah Khomeiniin aangoo fudhachuu isaa kan raawwatame yeroo waraanni Israa’el Hamaas waliin Gaazaa keessatti itti fufee jiruun waldhabdeen guutummaa Baha Giddu Galeessaa keessatti dabalaa dhufetti.

Hiriirri guutuu biyyattii keessatti geggeeffame namoota kuma dhibbaan lakkaa’aman kan harkisan yoo ta’u, gariin alaabaa Ameerikaa fi Israa’el gubaniiru. Warraaqsa bara 1979 Shaaha Ameerikaan deeggaramu aangoo irraa kaafamee bakka isaa hayyuu amantii Islaamaa Ayatollah Khomeiniin bakka bu’ee dha.

Yaa’iin kun Dilbata guutuu biyyattii keessatti kan gaggeeffame kanaan, daandiiwwan gurguddoo fi addabaabayiiwwan alaabaa, afuuffee fi barjaa dhaadannoo warraaqsaa fi amantii qabaniin faayamanii turan.

Tehran keessatti namoonni hedduun alaabaa Iraan mirmirsaa, dhaadannoo dhageessisaa, akkasumas barjaa gaaleewwan baratamaa “Du’a gara Ameerikaa” fi “Du’a Israa’el” jedhan irratti barreeffame qabatanii turan.

Gariin isaanii alaabaa Ameerikaa fi Israa’el guban, kunis yeroo hiriira mootummaa deggaran irratti barame.

Waraanni Iraan misaa’eloota biyya keessatti oomishaman hedduu kan agarsiise yoo ta’u, kanneen keessaa misaa’ela balistikii Qaasim Soleimaanii fi Sejjil, doonii saatalaayitii Simorgh fi diroonii dabalateeti.

Hiriira kana irratti loltoota, barattoota, abbootii amantaa fi qondaaltota olaanoo siyaasaa fi waraanaa kan hammate yoo ta’u, eegumsi nageenya cimaan taasifamaa ture.

Dubartoonni uffata gurraacha uffatan ijoollee xixiqqoo qaban kanneen irratti hirmaatan keessaa tokko yoo ta’aan, hedduun isaanii suuraa Hogganaa Olaanaa Ayaatollah Ali Khamenei qabatanii turan.

Televizhiniin mootummaa guutuu biyyattii keessatti “hiriira kana irratti namootni miliyoonaan lakkaa’aman hirmaatan” jechuun, suuraa namoota hedduu magaalota hedduu keessatti argaman agarsiiseera. Pireezidaant Ibrahim Raayisii qondaaltota olaanoo biroo waliin hiriira Tehran kanarratti hirmaataniiru.

Raayisiin haasaa taasisaniin Ameerikaa fi biyyoonni dhihaa tokko tokko “yakka sirni Ziyoonistii (Israa’el) Gaazaa keessatti dhala namaa irratti raawwatu” deggaru jechuun himachuu Dhaabbanni Oduu Jarmanii Deutsche Welle’n gabaaseera.

Leave a Reply