• Tue. Nov 24th, 2026

Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee keessatti maatiin qabsaa’otaa waraana faashistii PPn saamamaa jiraachuun beekame

Feb 13, 2024

ONM-ABO Guraandhala 13, 2024

Bilxiginnaan sirna bulchiinsa aangoo harka uummataan geggeessina jechuun tibba aangootti dhufe olola facaasaa kan ture yoo ta’u, oolee osoo hin bulle garuu maqaalee hawaasni hin qabneen Oromiyaa keessatti sabboontota ilmaan Oromoo adamsuun hidhuu, ajjeesuu fi saamuu bira darbee qabeenyaa namootaa gubuun mancaasuu dagaagsee argamaa jira.

Haaluma kanaanis godina Qellem Wallaggaa aanaa Gaawoo Qeebbee ganda Alchawwaa Cabal jedhamuun beekamu keessatti Guraandhala 11, 2024 waraanni maafi’aa PP mana maatii qabsa’aa tokkoo deemuun maqaa ilma keessantu miseensa WBOti jedhuun qabeenyaa mana keessaa guutummaa guutuuttii saamuun dargaggoo tokkos qabanii akka deeman jiraattotni ONMtti himan.

Qabeenyaan maatii kanaas loon, midhaanii fi buna dabalatee meeshaaleen mana keessaas hunduu jalaa jalaa kan saamame yoo ta’u, yeroo ammaas maatiin qabeenyi isaanii jalaa saamame kunneen bakkeetti bahanii rakkoo hamtuu keessummeessaa akka jiran dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply