ONM-ABO Guraandhala 13, 2024
Xiyyaarri xiqqaan namoota lama fe’ee ture tokko balalii walakkaa paarkii uummataa tokko irratti balbala isaa dhabee nagaan bu’uu poolisiin beeksiseera.
Taatee kun tilmaamaan sa’aatii 6:00 p.m. yeroo qondaaltonni poolisii Cheektowaga and Abiddaa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Buffalo New York irraa waamicha gargaarsaa taasisanitti.
“Xiyyaarri xiqqaan namoota lama fe’ee ture tokko naannoo Paarkii Stiglmeier Cheektowaga irratti balali’aa osoo jiruu balbala xiyyaarichaa akka dhabe gabaaseera,” jechuun Kutaan Poolisii Cheektowaga ibsa uummataaf baaseen sababa rakkoo kanaas taatee qilleensa gidduutti mudate ta’uu ibseera. “Xiyyaarri kun nagaan akka bu’e gabaafameera.”
ABC News
