• Wed. Nov 25th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanota hedduu keessatti saamichi maqaa gibiraa fi nyaata milishaa jedhuun hawaasa nagaa irratti geggeeffamaa jira

Feb 14, 2024

ONM-ABO Guraandhala 14, 2024

Dararaa hamaan ilmaan Oromoo irratti geggeeffamaa jiru guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemuun yeroo itti uummanni qaala’iinsa jireenyaa fi lola biyyattii keessatti adeemaa jiruun walqabatee rakkoo hamaa keessatti kufee jirutti kaabinoonni hawaasa keessa bobbaafaman maqaa nyaata milishaa fi gibira jedhuun hawaasa saamaa jiraachuu dubbatu.

Kibba lixa Shaggar keessatti torban kana irraa kaasuun aanota akka Bachoo, Tolee, Iluu, Qarsaa Maallimaa fi Arbuu Culullee keessatti magaalota aanota dabalatee hanga baadiyyaa aanichaatti gibira kan waggaa lamaa hin kaffalle waan ta’eef qarshii 10,000 nama tokko irraa dirqamaan waan qabu gurgurchiisuun egeree hawaasichaa gadadootti rukutuun saamaa jiraachuu ibsan.

Namoota hin qabne ammoo mana hidhaatti naqanii dararaa akka jiran ibsuun akkasuma nyaata milishaa jedhuun dirqamaan balbala namootaa irraa deemuun hawaasa harkaa funaanaa akka jiranis dabaluun ibsaniiru.

Aanota kanneen keessatti waggaa darbe xaa’oon yeroon hawaasaaf qaqqabuu dhabuu isaatiin walqabatee callaan uummataa dachaan gadi bu’uu jiraattotni dubbachuun, haalli amma murni bilxiginnaa itti jiru hin dhaabbatu taanaan sabichi beelaaf yeroo gabaabduu keessatti akka saaxilamus ifoomsaniiru.

Leave a Reply